ILMAORMAA

Follow ILMAORMAA
Share on
Copy link to clipboard

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo ! In here, we discuss Sustainable Development, culture, history(with emphasis on the Horn of Africa), economics, Digital technologies and football(soccer). Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)

Ilmaormaa


    • May 25, 2025 LATEST EPISODE
    • weekdays NEW EPISODES
    • 1h 2m AVG DURATION
    • 226 EPISODES


    Search for episodes from ILMAORMAA with a specific topic:

    Latest episodes from ILMAORMAA

    EP230 J. Guysaa Galmoo Wajjin Seenaa Qabsoo Bilisummaa Godina Bahaa Keessatti Gaggeeffame | 1/1

    Play Episode Listen Later May 25, 2025 95:20


    Jaal Guysaan ijoolummaarraa eegalee qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti seenaa dalagamee fi jaallan dirree san turan irraa waan yaadatu gaggabaabsee nuun qooddata.Dhihaadhaa!

    godina bahaa
    Ep.229 Jaal Abbaabiyyyaa Abbaajabal Wajjin Seenaa Sabboonummaa fi Hawaasa Naannoo Jimmaa | 1/1

    Play Episode Listen Later May 21, 2025 115:21


    Qabsaahaa hangafaa fi haftee qabsaawootaa kan tahan Jaal AbbaaBiyyaan marraa duraatiif miidiyaatti as-bahuun:Seenaa Sabboonummaan Oromo deebi'ee naannoo Jimmaa keessatti akka itti dagaage;Seenaa babball'achuu diinii Islaamaa naannoo Jimmaa keessatti;Mudannoo isaanii kan mana barnootaa Jimmaa fi Shaggaritti, yaroo Idigaat Zamachaa Idigaat Bahibraat fi mana hidhaa Karchallee keessatti;Malaas Zeenawi yaroo mana barnoota waliin turan keessaa waan irraa yaadatan;Taateewwan Parlaamaa Mootummaa Cehumsaa keessatti;Seenaa jiruu-jireenya ummataa naannoo Jimmaa fi waan kan biraa danuu gaggabaabsaan nuun qooddatu.Dhihaadhaa !!!

    jaal
    SE10 EP228 J. Kamal - Silaa Hogganni Dursee Karoorfate, Hamma Gimbiit Numa Dhuunfanna ture | 1/1

    Play Episode Listen Later May 18, 2025 141:41


    Jaal Kamal Qalbeessaan seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa Dirree Dhihaa keessatti gaggeefamaa turee fi kan inni jalqabarraa kaasee qooda keessatti fudhataa fii hogganaa ture keessaa waan yaadatu gabaabsee nuunqooddata.Dhihaadhaa!!

    SE10EP227 "Hoggana Kana Jalatti Gargar Caccabuu Malee ABOn Hinguddanne " -- J. Atoomsaa | 4/4

    Play Episode Listen Later May 14, 2025 80:01


    Kurfii maayyii kana keessatti, Jaal Atoomsaangaaffiilee gabaaboof deebi nuuf laata,qabsoo hadhooftuu amma dura gaggeefamee fi injifannoo argamerraatti waan isa gammachiisu-sheeneessu,hawaasaaf waa dhaammata nuun qooddata.Dhihaadhaa!

    kana abon
    SE10 EP226 "Ijoolleen Sikkoo-Mandoo Tokko Osoo Hinhafin Dhaaba keessaa Bahan" J. Atoomsaa | 3/4

    Play Episode Listen Later May 11, 2025 145:27


    Kurfii Sadafaa kana keessatti, Jaal Atoomsaan;qooda inni ABO keessatti qabaataa ture,bifa kamiin leenjii fi ijaarsan waraana qindeessaa turan,erga biyya ambaa bahaanii boodatti waan isaan mudate,gargar caccabuu ABO,erga biyya Somaalee seenanin booda haala haarayaa dhaaba keessatti mumullachuu eegale,lola Baaydhaboo fii wareega ulfaataa kafalameeABOn maaliif Shaabiyaa waliin deebi'ee hariiroo tolfate? Akeekni Shaabiyaa maali?Eritiraa qubachuun maaltu hojjatame?maaliif miseensoonni gariin gara Eritiraatti, kaan moora baqataatti, gariin gama biyyaatti kaan ammo Moqadishootti akka hafan murteeffame,Wareegamuu Jaal Mull'is,ABOn gargar qoqqoodamuu,ijoolleen Sikko-Mandoo dhaaba keessaa yaa'uu,haala hogguu Eritiraarraa gama biyyaatti deebi'an ture,biyyatti erga deebi'ani waan isaan mudate fi Taateewwan heddu nuun qooddata.Dhihaadhaa!

    SE10 EP225 J. Atoomsaa Roobaa - "Waraana Toora Kuma Kudhashan Kaampii Sadiitti Galchine" | 2/4

    Play Episode Listen Later May 7, 2025 106:58


    Qophii lammaffaa kana keessatti Jaal Atoomsaan bakka qophii duraa dhaaberraa eegalee seenaa bara Chaartaraa fii erga Chaartaraa bahanii dirreetti deebi'an isaan mudate nuun qooddataseenaa guyyaa Jaal Mullis Gadaa gama ABOtti debbi'eegaaffii magaaloota Dirree Dhawaa fii Jijjigaawalitti bu'iinsa human Woyaane woliin ture fii jaallan ABOn wareegaman"Tripartite" Komitee fii waan isii jalatti dalagameWBOn kaampii Sadiitti galfamuuMootummaa Cehumsaa Baanaan haala warri Godina Bahaa turan magaalaa dhiisanii dirretti deebi'anyoomii fii bifa kamiin Atoomsaan harka diina bu'ee fii bakkoota inni ture fii Ji'a jahaan booda akkamiin deebi'ee jaallaniin waliitti Moqaadishootti akka makame fiiseenaa heddu nuun qooddata.Dhihaadhaa!

    SE10 EP224 J. Atoomsaa - Ganamarraa Eegalee ABOn Iccitii fi Shakkii Warra Golaa Sakaalame | 1/4

    Play Episode Listen Later May 4, 2025 122:23


    Seenaa Jaal Atoomsaa K. Roobaan nuun qooddate kurfii afuritti qoodeen qopheesse.Kurfii duraa kana keessatti, Jaal Atoomsaan seenaa qabsoo Godina Bahaa nuun qooddatu keessatti;Oromoota hedduu waliin biyya ollaatti bobbahuun leenjii fudhachuu fii achii ol-dacha'anii hidhannoo argachuu,leenjii fii hidhanno waliin Waraana Jaarraa, Mullisii fi Bobbaasaan hogganamaa turetti makamuu,ijaarsaafii caasaan dhaabaa iccitii tahuun hogganoota jaarmayaa ifaatti himamuu dhabuun rakko isiin uumtee fii walqoodimsa isiin uumte,qabsoo hidhannoo bara mootummaa DARGU gaggeefamaa ture,deemsa qabsoo hadhooftuu fi mudannoo gara-garaa kan haga kufaatii mootummaa DARGU fii mootummaa Ziyaad Baarree qabsaawootni keessa qaxxaamuranii fi seenaa kan biraa hedduu nuunqooddata.Dhihaadhaa!!

    abon
    SE10 Ep223 Jaal Bohaarsituu Obsaa - Qooda Artiistootaa Qabsoo Keessatti | 1/1

    Play Episode Listen Later Apr 27, 2025 64:36


    Jaal Bohaarsituun qophii tana keessatti;- yoomii fi akkamiin hawwisootti akka makamte,- qooda isiifii miseensootni Hawwisoo qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qabaachaa turan,- ayyaana Odaa Bultum irraa waan yaadattu,- biyyaa Jabuuttiitti bahuuf dirqamuu,- mana hidhaa Woyyaanee keessatti waan dabarsite,- miseensoota hawwisoo waliin tattaaffii Shaggaritti Waldaa Macaa fii Tuulama jalatti godhaa turan,- erga biyya amabaatti godaantee booda tattaaffii godhaa turaniif waan biraas nuunqooddatti.Dhihaadhaa!

    jaal
    SE 10 Ep222 Seenaa Qabsoo Bilisummaa ABOn Hogganamaa Ture J. Bobbaasaa Gadaarraa | 1/1

    Play Episode Listen Later Apr 20, 2025 131:53


    Jaal Bobbaasaan seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa ijoollummaa isaarraa kaasee waan yaadatuufii mudannaa dirree qabsoo ballinaan nuun qooddata.Dhihaadhaa!

    ture abon
    SE10 EP221 Jaal Tigist Ayyaano - Seenaa WBO fi Dubartootaa Dirree Dhihaa Keessatti | 1/1

    Play Episode Listen Later Apr 13, 2025 78:15


    Jaal Tigist qabsoo bilisummaa Oromiyaatti Godina Dhihaatti erga makamtee kaasee waan keessa dabarte fii seenaa WBO fii dubartoota miseensa ABO yaroo san turan irraa waan yaadattu gabaabsaan nuun qooddattiDhihaadhaa!!

    SE10 EP220 "Aadaakee Yoo Dhiifte, Adawwiin Sidhaala" -- Weellisaa Kadir Sa'iid | 2/2

    Play Episode Listen Later Apr 6, 2025 139:36


    Weellisaa jaalatamaan Kadiir Sa'iid kurfii lammaffaa fii kamaayyii kana keessatti, ijoollummaan gaafa loon tiksurraa kaasee haga Ameerikaa waltajjii Oromoo gubbaatti hujii qooqasaa miidhaagaa saniin dalagaa tureefii waggoota dheera kana keessatti mudannoo keessa dabre hunda takka-takkaan nuun qooddata. Kurfii kana keessatti,Qooda "artii"n Oromo aadaa, afaan, seenaa fii qabsoo Oromoo jiraachisuufii guddisuu keessatti qabduRakko Weellistootni Afaan Oromoon sirban sirna garagaraa keessatti dabarsanii fii hardhallee keessa jiranQooda Jaal Abdii Muhammad(Abdi Qophee) aadaa, "artii" fii Afaan Oromo guddisuu keessatti qabuYaadanno Weellisaa Usmaayyoo Muusaa fiiseenaa "artii" Oromoo fii taateewwan heddu kan bara dheeraa ball'inaan nuun qooddata.Dhihaadhaa!

    SE10 EP219 Seenaa Qooda Hawwisoo Caffee Gadaa Qabsoo Bilisummaaf - J. Aanaa Bareentoo Irraa | 1/2

    Play Episode Listen Later Mar 30, 2025 116:58


    Jaal Aaanaa Bareentoon kurfii duraa kana keessatti ;Jalqaba ijaaramuu Hawwisoo Caffee GadaaMiseensoota Hawwisoo Caffee GadaaBara Mootummaa Cehumsaa carraaqqii hawwisoon Caffee Gadaa ummataa fii WBO kakaasuufii dammaqasuuf taasiisaa turteMootummaa Cehumsaa keessaa ABOn dirqamee baafamnaan miseensoonni Hawwisoo gariin dirree qabsootti bobbahuuDirree qabsoorraa gama biyya ollaatti bobbaafamuuBiyyaa ollaa keessatti ummata dammqsuufii dhaabaaf galii argamsiisuuf qooda isaan gumaachan biyya ollaa keessa turuun ulfaannaan deebi'ani dirreetti bobbahuudirree qabsoo keessatti waan isaan mudateefii gidiraa keessa qaxxaammure mara nuun qooddataDhihaadhaa!

    wbo abon
    SE10EP218 J. Quubsaarraa Seenaa ABOn Dirree Qabsoo Lakkise Gama Biyyoota Ollaatti Taakkuu |3/3

    Play Episode Listen Later Mar 26, 2025 118:41


    Kurfii maayyii kana gubbaatti, Jaal Quubsaan Haala 1997 fii 1998 dirree qabsoo keessa ture Erga biyya ollaatti taakkanii boodatti waan isaan mudate seenaa Kora Hatatamaa biyya ollaatti hogguu gaggeefamu ture seenaa gama Eritiraa hogganni godaanuu waraanni Somaaleerra bobbahee akkamiin akka hoongahee J. Galaasaan fedhiisaatiin aangoo gadhiisuuf iyyata dhiheessuu Wareegama Jaal Mullis Gadaa Haala Jilaa fii Kora Sabaa 3ffaa Eritraa keessatti gaggeefaman keessatti mumullataa turee fii seenaa kan biroo hedduu nuun qooddataDhihaadhaa!

    gama abon
    SE10 EP217 Seenaa Qabsoo Bara DARGU ABOn Gaggeeffamaa Ture- Jaal Quubsaa Sabaarraa | 2/3

    Play Episode Listen Later Mar 23, 2025 71:14


    Kurfii lammaffaa kana keessatti, Jaal Quubsaan Seenaa, Isaafii jaallan isaa Somaalee biyyatti dacha'ani jaallan dirree jiranuun wolitti dabalaman Dirree Bahaa keessatti bara mootummaa DARGU gaggeefamaa ture Haala jala bultii kufaatii Mootummaa DARGU mumullataa ture haala Mootummaa Cehumsaa keessatti qooda fudhachuufii seenaa kan biraa baayyee nuunqooddata.Dhihaadhaa!

    bara ture abon jaal
    SE10EP216 Jaal Quubsaa Sabaarraa Seenaa Qabsoo ABOn Hogganamaa Ture | 1/3

    Play Episode Listen Later Mar 16, 2025 77:20


    Jaal Quubsaa Sabaan kurfii duraa kana keessatti; seenaa haala jireenya ummata Oromoo naannoo inni keessatti dhalatee guddate seenaa fincila diddaa gabrummaa ummatni Oromoo naanno inni keessatti dhalatee guddate gageessaa turan carraaqqi isaafii waaheellan isaa qabsootti ida'amuuf godhaa turn haala gama biyyaa Somaalee isaan geesse taateewwan biyya Somaaliyaa keessatti isaan mudataniifiiseenaa hedduu kan biroolle nuun qooddataDhihaadhaa!!!

    ture abon jaal
    SE10 EP215 Jaal Gammachiiftu-Qooda Miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Ollaafi Diree Keessatti | 2/2

    Play Episode Listen Later Mar 9, 2025 81:17


    Kurfii maayyii tana keessatti, Jaal Gammachiiftuun, erga ABOn mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee baheen boodatti waan miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Mudate qabsoo miseensoonni Hawwisoo Caffee Gadaa kan dirreetti bobbahan gaggeessaa turan yaroof biyyarraa gama biyya ollaatti erga dirqamaan bobbaafanii booda qabsoo achitti gaggeessaa turan biyya ollaarraa arihamani waan isaan mudateefi haala qabsaawootaafii biyyi keessa jirurraa yaadaafii gorsa nuuf laattiDhihaadhaa!

    abon jaal
    SE10 EP 214 Jaal Gammachiiftu Urfoo Irraa Seenaa Hawwisoo Caffee Gadaa Qabsoof Gumaachite | 1/2

    Play Episode Listen Later Mar 2, 2025 54:13


    Kurfii dura kana keessatti, Jaal Gammachiftuun; eegallii Hawwisoo Caffee Gadaa Bobbaa Hawwisoo Caffee Gadaan WBO fii ummata dammaqsuufi kakaasuuf godhaa turan Haala Gadaan Bultum itti kabajameefi taateewan bara Chaartaraa nannoo isiin sossoohaa turte keessatti mumul'ataa turan ball'inaan nuunqooddattiDhihaadhaa!

    jaal
    SE10 EP213 Seenaa Qabsoo ABO Waajjira Yaman Jalatti Gaggeefamaa Ture - Jaal Muktaar Wojjin | 5/5

    Play Episode Listen Later Feb 23, 2025 91:31


    Jaal Muktaar qophii tana keessatti qabsoo biyya Yaman keessatti gaggeefamaa turtee fii waan maayyiirratti isafi qabsaawoota mudatan nuun qooddata Dhihaadha

    SE10 EP212 Jaal Muktaar- Seenaa Qabsoo Biyyaa Ollaa Keessatti ABOn Gaggeeffamaa Turte || 4/5

    Play Episode Listen Later Feb 16, 2025 37:18


    Kurfii afreesso tana gubbaatti, Jaal Muktaar erga haalli dirqeenii biyyaa bahe booda biyyoota ollaa keessatti qabsoo gaggeefama ture keessatti qooda akkam jiraa fudhataa akka ture nuun qooddata Dhihaadhaa !!

    abon jaal
    SE10 EP211 Jaal Muktaar - ABOn Maallaqa Bara Cehumsaa Walitti Guuree San Garam Geesse? | 3/5

    Play Episode Listen Later Feb 12, 2025 40:10


    Kurfii kana keessatti Jaal Muktaar kufaatii mootummaa DARGU irraa eegalee - qabsoo bilisummaa Oromiyaa kan ABOn hogganamuu keessatti qooda inni qabaataa - hujii Damee Dinagdee ABO hojjataa turtee fii - taawwan kabiroo ka gadaa sanii ballinaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!!

    bara garam abon jaal
    SE10 EP210 Jaal Muktaar - Lubbuun Ninbahaa Hinseene - Hidhaa Maakalaawwii fii Karchallee | 2/5

    Play Episode Listen Later Feb 9, 2025 60:34


    Kurfii lammaffaa kana gubbaatti Jaal Muktaariifi jaallan isaa waliin turan erga qabamanii hidhaa Amboo seenanii eegalee, hidhaa Maakalaawwiifi hidhaa Alam Baqqaayyii- Karchallee keessatti amata 12 kan tahuuf waan isaan mudate mara nuun qooddata. Dhihaadhaa!

    jaal
    SE10 EP209 Jaal Muktaar - Gaafan Du'ee Oromoon Seenaa Kiyya Hima Jadheen Eeggachaa Ture | 1/5

    Play Episode Listen Later Feb 5, 2025 114:01


    Jaal Muktaar Muummeen Qophii duraa kana keessatti ball'inaan; - haala kamiin gama moora qabsoo bilisummaa Oromiyaa kan ABOn hogganamutti akka makame - haala yaroo san naannawa inne ture keessatti mumullataa turan irraa waan yaadatu - Dirree Bahaarraa akamiin dirqamaan gama Jiddu Galeessa Oromiyaatti akka bobbahan - seenaa jaallan qabsoo bilisummaa Jiddu Galeessa Oromiyaa keessatti finiisuuf bobbahaniifi taateewwan seenaa qabeessa heddu kan bara saniin nuun qooddata Cufti Keessanuu dhihaadhaa!

    ture hima abon jaal
    SE10 EP 208 "Qabsoon Oromo Lafa Ofduuba Deebi'uu Hindandeenya Gahee Jira - Jaal Dhugaasaa | 6/6

    Play Episode Listen Later Feb 2, 2025 52:41


    Kurfii maayyii jalla Dhugaasaa wojjjin haala Eritraarraa gara biyyaatti galuufii taateewwan heddu irratti marii gaggeesine kanatti marti keessanu Dhihaadhaa!

    SE10 EP207 Odoo Kora Hatatamaa Hingaggeesine ABOn Ni Diigama Ture - J. Dhugaasaa Bakakkoo | 5/6

    Play Episode Listen Later Jan 29, 2025 52:03


    Qophii tana keessatti - Kora Hatatamaa gaggeessuun bu'aa moo miidhaa fide? - Koreen himannaa bara Mootummaarratti Miseensoonni dhiheessan qorachuuf ijaaramate eessa aantee? - Hogganni ABO Eritraa qubatuun bu'aasaati moo rakko inni uumetu irra caala? Gaaffilee kabiroo irratti Jaal Dhugaasaan yaada isaa nuunqooddata. Dhihaadhaa!

    SE10 EP206 Duulli "Qabsoo Hidhannoo Haalagannuu" Lafa Jalaan Oofamaa Ture - J. Dhugaasaa | 4/6

    Play Episode Listen Later Jan 26, 2025 51:13


    Qophii kana keessatti Jaal Dhugaasaan: - Mootummaa Cehumsaa erga bahanii booda qabsoo akkam jiraa gaggeessan? - Bara 1997/1998 Maaliif dirree qabsoo dhiisani gama biyya ollaatti godaanan? - Haala Kora Hatatamaa bara 1998 fii seenaa hedduurratti yaadasaa nuun qooddata. Dhihaadhaa!

    SE10 EP205 Waan Finfinnetti Deemaa Ture Nuti Murtiisaa Keessaa Hinqabnu -Jaal Dhugaasaa | 3/6

    Play Episode Listen Later Jan 22, 2025 49:22


    Qophii kana gubbaatti, Jaal Dhugaasaan: - Jijjiirama bifa gara-garaa mootummaan DARGU gaggeessaa ture sun hagam qabsoo gaggeessaa turtan irratti dhiibbaa qabaata ture? - Lola humna warra AIBO wojjin godhamaa tureefii dhiibbaa inni fide - Mootummaa Cehumsaa keessaa erga ABOn baafame booda haala qabsoon hidhanno itti gaggeefamaa turefii seenaa heddu kabiroorratti yaadasaa nuunqooddata. Dhihaadhaa!

    SE10 EP 204 Marii Jaal Dhugaasaa Wojjjin Gaggeessine [2/6]

    Play Episode Listen Later Jan 19, 2025 51:15


    Kurfii tana gubbaatti: - Qabsoo hidhannoo(riphee-lolaa) gaggeessuuf qophiin gahaan godhamee turee? - Eegalumarratti waldhagahuu dhabuun jaallan jidduutti mumull'atan maaf furmaata dhaban? - Waldhaqiinsa dhabaafii gaga'ma moora qabsoo keessatti diirama mull'atan irraa akkamiin qabsoo dandamachiisan? Gaafiilee kanaafii kkf irratti Jaal Dhugaasaan yaadasaa nuun qooddata. Dhihaadhaa!

    marii jaal
    SE10 EP203 Marii Jaal Dhugaasaa Bakakkoo Wajjin Gaggeessine [1/6]

    Play Episode Listen Later Jan 15, 2025 50:55


    Jaal Dhugaasaa Bakakkoo miseena qaama hogganan ABO fii haftee qabasaawoota wajjin marii kitaaba "Jalqabbee Qabsoo ABO fii Seenaa Oromo" irratti hundaahuun gaggeessina kutaa duraa. Dhihaadhaa!

    SE10 EP 202 Marii Jaal W. Hundee Hurrisoo Wojjin

    Play Episode Listen Later Jan 12, 2025 89:52


    Jaal W. Hundee Hurrisoo hangafa qabsaahaa fii haftee qabsaawoota waliin kitaaba " A Ten-Minute Mission: the least prize for freedom" barreessanitti hirkatuun marii gabaabdu gaggisne. Dhihaadhaa!

    marii jaal
    Guduunfaa Marsaa 9ffaa fii Dhaadheessa Marsaa 10ffaa

    Play Episode Listen Later Dec 13, 2024 14:28


    Qophii gabaabduun tun guduunfaa marsaa 9ffaa fii dhaadheessa marsaa 10ffaaf.

    SE09 EP201 Jaal Haayiluu wajjin Turtii Maayii | 9/9

    Play Episode Listen Later Dec 10, 2024 106:05


    Jaal Haayiluu

    jaal
    SE09 EP200 Jaal Haayiluurraa Qabsoofi Jiruu Biyya Ambaa | 8/9

    Play Episode Listen Later Dec 10, 2024 41:28


    Jaal Haayiluun

    jaal
    SE09 EP199 Jaal Haayiluurraa Seenaa Qabsoofii Haala Qabsaa'oota Keeniyaa keessatti | 7/9

    Play Episode Listen Later Dec 9, 2024 47:14


    Kurfii kana gubbaatti Jaal Haayiluun taateewwan biyya Keeniyaa magaalaa Naayiroobi keessatti Miseensoota ABO fii ummata mudataa turan ballinaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!

    jaal
    SE09 EP198 Seenaa Qabsoo Erga ABOn Mootummaa Cehumsaa Baafaamee Duubatti- J. Haayiluu Wojjin | 6/9

    Play Episode Listen Later Dec 9, 2024 33:48


    Kurfii Kana keessatti, Jaal Haayiluun hojii bara Mootummaa Cehumsaa hojjataman kan akka: Jila Oromoo godinaalee Oromiyaa garagaraatti bobbaasuun ummata wolbarsiisuu Woldaan Macaa fii Tuulama deebi'ee akka ijaaramu carraaqqii gochuu, Ayyaana guddicha Odaa Bultumitti kabajameerratti jilaa hirmaachisuu Ummanni Oromoo kum-dhibbeen lakkaawamuu marra duraatiif Shaggaritti Alaabaa ABO qabachuun gad-bahee dura taa'aa ABO bifa dinqisiisaan simachuu, fi taateewwan heddu seena qabeessaa nuun qooddata. Dhihaadhaa!

    abo abon
    SE09 EP197 Seenaa Qabsoo ABO Bara Mootummaa Cehumsaa - Jaal Haayiluu D. Gammadaa Wojjin | 5/9

    Play Episode Listen Later Dec 8, 2024 67:29


    Jaal Haayiluun, kurfii kana keessatti: mootummaan DARGu jigdee ABOn magaalaa seenuu Dirqama dhaabaa fudhachuun barnoota adda-kutee qabsootti bobbahuu Caasaafii waajjira ABO Oromiyaa keessatti diriirsuuf bobbaa godhaman dhiibbaa Woyaaneen sochii ABO ugguruuf godhaa turte Jaarmayaalee fii woldaalee gara-garaa ABOn ummata keessatti ijaare Jila gar ABOn Mootummaa Cehumsaa dhiibamee baanaan Jaal Nadhii Gammadaa faa wojjin akkamiin akka dirreetti bobbahe Humna waraanaa barbaadanii itti makamuuf yaalii isaan godhaniifii taateewwan seena qabeessa heddu nuun qooddata. seenaa qabsoo erga ABOn mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee bahee booda nuun qooddata. Hundi keessanu itti dhihaadhaa!

    bara abo abon jaal
    S09 EP196 Toora Woggaa Kudhaaniif Murtii Male Darara Mana Hidhaa DARGU Keessat | 3/9

    Play Episode Listen Later Dec 8, 2024 43:10


    Jaal Hayiiluun qophii kana gubbaatti: rakkoo hamtuu mana hidhaa keessaa of jiraachisuufii qalbii ofiis tasgabeessuuf bifa hidhamtoonni siyaasaa mana hidhaa keessatti tattaaffii godhaa turan Mana seeratti guyyaa tokko odoo hindhihaatiin torra woggaa kudhan guutuu erga mana hidhaa keessatti dararamee booda gad-lakkifamuu hidhaa bahee univaarsitiitti deebi'ee barnoota ofii xumuruuf yaalii inni godhe Mootummaan DARGU caccabuu isiitiifi seenaa baayyee nuun qooddata Marti keessanuu dhihaadhaa!

    SE09 EP 194 Jaal Haayiluu Gammadaa-Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa ABOn Gaggeefamaa Ture | 2/9

    Play Episode Listen Later Dec 8, 2024 40:18


    Jaal Hayiiluun Kurfii tana keessatti: Dirqama ABO fudhachuun miseensoota magaaloota keessatti horachuuf carraaqqii godhamaa turan Hogganootaafi miseensootni ABO kan "Urban Wing" jalatti sossohaa turan DARGUn hidhaat guuruu Ofii Univaarsitii keessatti barataa ture keessa qabamee hidhaatti darbamuu fii woggoota dheeraa odoo mana murtiitti hindhihaatin hidhaa keessatti dararamuu jaallan fii qabsoowoota mirgaa kan saba adda addaa wojjin hidhaa keessatti dararamuu fii taateewwan akkaan hadhaawaa garuu seenaa keessatti gulantaa ol-aanaa qaban nuun qooddata Dhihaadhaa!

    abo ture abon jaal
    SE09 EP193 Jaal Haayiluu Gammadaa Waliin Seenaa Jiruu Oromiyaa Ijoolummaa Ofiirraa Kaasuun | 1/9

    Play Episode Listen Later Dec 8, 2024 44:52


    Kurfii duraa kana gubbaatti Jaal Haayiluun: Ijoollummaasaa akka itti dabarse haal mana barnoota itti eegaleefi taateewwan mana barnootaa haala akkaan jabaa ilmaan hiyyeessaa barnoota argachuuf keessa qaxxaamuran barnootaaf Shaggar deemuun jijjiirama huubate Zamachaaf Gondaritti ergamuu fii waan seenaa qabeessa hedduu nuun qooddata -- Jigiinsa Mootummaa Abbaa Qorkee Itti dhihaadhaa!

    jaal
    SE09EP189 Jaal Haayilu: Seenaa Hogganoota ABO hidhaa DARGU keessatti Wareegaman-Gabaabsaan | 4/9

    Play Episode Listen Later Nov 30, 2024 46:53


    Qophii addaa kana, Jaal Haayiluu D. Gammadaan seenaa qabsaa'oota bilisummaa Oromiyaa warra mana hidhaa DARGU keessatti cubbuun ajeefaman yaadachuuf akka nu gargaaruuf kurfeesse. Jaallan qaqqaali mirgaaf odoo qabsaa'an cubbuun ajeefamaniifi warra hidhaa keessatti gannoota dheeraaf murtii mana seeraan male dararaman mara haa yaadannu!

    jaal
    SE09 EP195 Hogganni Amantii, Abbootiin Gadaafii Hayyoonni, Humna Oromo Walitti Hidhuun Amma | 7/7

    Play Episode Listen Later Nov 28, 2024 81:37


    aal Dhugoomsaan qophii maayyii tana gubbaatti: seenaa kurfiilee amma duraa keessatti nuuqoodate irratti dabalata Gaaffiilee garagaraaf yaada dhuunfaa Gorsaa qabsaa'ootaa fii dhaamsa Dhihadhaa!

    SE09 EP192 Seenaa Qabsoo ABOn Erga Mootummaa Cehumsaa Dhiibame Baheen Boodat Gaggeefame | 6/7

    Play Episode Listen Later Nov 28, 2024 60:25


    Jaal Dhugoomsaan: qabsaa'oonni erga dhaabni Mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee bahe booda sochii godhaa turan, Boobbaa humna diinaa jalaa of-dandamuuf godhame Qabsoo deebisanii wolijaaruufii humna kurfeeffachuu Gumii Sabaa gaggeefame Wareegama qaqqaalii miseensoonnifi hoggani kafalan Kora Sabaa Hatatamaa gaggeefmaee fii waan qabsoo keessatti barasan mullatan mara nuun qooddata. Dhihaadhaa!

    abon
    SE09 EP191 Jaal Dhugoomsaa Dhugaasaarraa Seenaa Qabsoo ABOn durfamu Bara Mootummaa Cehumsaa | 5/7

    Play Episode Listen Later Nov 28, 2024 45:36


    Kurfii tana gubbaatti, jaal Dhugoomsaan : Sochii ABO woyta DARGUn jigu Jalqabumarraa kaasee TPLF wojjin wolitti gufatuun eegalamuusaa Hogganni gariin mootummaa Cehumsaa keessaa qooda fudhachuuf Shaggaritti ol-bobbahuu Waajira fulaa iddoo garagaraatti banachuu Filmaata gandaa gaggeefame wolitti bu'iinsi woyyaanee wojjin babballachuufi waajjiraaleen ABO cufamuu Koreen "liason" warra Eritiraa, warra Woyaane wojjin bakkayyuutti ijaaramu isaa Filmaata biyaaleessaan duraa humna gama mooratti galchuu Dirqamaan gama Godina Kibbaatti bobbahuusaa ABOn filmaataa fii mootummaa Cehumsaa keessaa bahuu Humni mooraa gad-dhiisee bahuu Mootummaa cehumsaa baanaan humni diinaa isaan adamsuu fii seenaa dheertu baayyeen nuun qooddata Dhihaadhaa!

    SE09 EP190 Seenaa Qabsoo Erga Jaarraafii Leencoon Dirree Dhiisanii Deemani Haga Kufaati DARGU |4/7

    Play Episode Listen Later Nov 28, 2024 66:04


    Kurfii kana gubbaatti Jaal Dhugoomsaan seenaa -Erga Jaarraafii Leencoon dirree dhiisanii deemanii booda jaallan hafan deebisani of ijaaruuf tattaaffii godhame Amna hoganoonni gama Somalee deemuuf godhaniifii wareegama kafalame Bobbaasaafii jaallan garii jidduu waldhagahuu dhabuu mul'late Lola "Lola Koree Jidduu" jadhamee waamamu Lola waraana AIBO wojjin gaggeeffame Seena dirree haga kufaatii DARGUU ballinaan nuun qooddata. Dhihaadhaa!!

    SE09 EP188 Seenaa Qabsoo Marsaa Lammaffaa Kan J. Jaarraan Hogganamu - Jaal Dhugoomsaarraa | 3/7

    Play Episode Listen Later Nov 28, 2024 47:28


    Kurfii kana jalatti: Haala dhaabbileen siyaasaa garagaraa kan akka IHAPA, MEISON, ICHAT naanno sanatti sossohaa turan Hogganoonni ABO warri magaala lakkise gama dirree dhufuu eegaluu Warri Somalee wajjin tures as-dacha'uu Barnootni siyaasaafii seenaa tartiiban kennamuu eegaluu Humna waraana tartiibaan ijaaruu Marii jila biyya alaatti bobbahu qopheessuu Gaaga'ama jaallan jiddutti mulla'ateefi faca'iinsa waraanaa J. Jaarraafii J. Leencoon walduraa duubaan gama Jabuutti deemuufi taateewwan qabsoo keessatti mull'atan heddu Jaal Dhugoomsaan nuun qooddata Dhihaadhaa!

    SE09 EP187 Seenaa Lola Jalqabaa Haroo Raabaat Gaggeefame J. Dhugoomsaarraa | 2/7

    Play Episode Listen Later Nov 28, 2024 54:30


    Kurfii kana keessatti, jaal Dhugoomsaan: Seenaa kurfii duraa keessatti nuun qooddatu eegale itti fufa Haala marraa duraatiif qabsaahoonni lola dirree Haroo Raabaat gaggeessan Wareegama jaallanii gargar faca'uun isaan mudate Warri hafan qunnamtii tolfatuuf gama Shaggar bobbahuu Gama Bahaatti deebi'uun Eraar duubbee godhachuun qabsoo hidhannoo itti fufuun karoora tolfataniif rakkoolee isaan mudatan mara ballinaan nuun qaooddata Dhihaadhaa!

    SE09 EP186 Jaal Dhugoomsaarraa Seenaa Eegallii Qabsoo Hidhannoo Dirree Bahaat | 1/7

    Play Episode Listen Later Nov 28, 2024 54:11


    Kurfii duraa tana gubbaatti Jaal Dhugoomsaan: ijoollummaan qabsoot makamuu Jaal Jaarraafii Elemoon hidhannoo biyyatti galchuun qabsoo jalqabuuf carraaqqii isan godhan Seenaa meeshaan waraana akkamiin Carcar seene Seenaa aallan torban qabsoo hidhannoo jalqaban Seenaa qondaaloonni Somalee Galbeed isaanitti makatan Ballinaan nuun qooddata Dhihaadhaa!

    carcar jaal
    SE08 EP157 Seenaa Qabsoo Hidhannoo Jalqabaa - Abbaa Anaajinaa Wojjin | 5/5

    Play Episode Listen Later Nov 15, 2024 76:24


    Kurfii tana gubbaatti Abbaa Anaajinaan seenaa kurfii afran amma dura tamsaasne nuun qooddatan irraa eegalun itti fufan. Dhihaadhaa!

    SE08 EP141 Seenaa Jalqaba Qabsoo Hidhannoo- Abbaa Anaajinaa Wojjin | 4/5

    Play Episode Listen Later Nov 15, 2024 45:47


    Kurfii tana gubbaatti waan torban sadiin dura eegalle xumurra. Dhihaadhaa!

    SE08 EP140 Seenaa Jalqaba Qabsoo Hidhannoo - Abbaa Anaajinaa Wajjin | 3/5

    Play Episode Listen Later Nov 15, 2024 32:00


    Abbaa Anaajinaa seenaa jalqaba qabsoo hidhannoo nuuf himan, kurfii tana gubbaattis itti fufu. Gara Yaman imaluuf dirqama fudhatanii erga bobbahanii duubatti waan isaan mudate cufa nuun qooddatu. Dhihaadhaa!

    SE08 EP139 Seenaa Qabsoo Bilisummaa- Abbaa Anaajinaa Wojjin | 2/5

    Play Episode Listen Later Nov 15, 2024 48:44


    Abbaa Anaajinaan seenaa qabsoo jalqabaarraa nuuhiman itti fufuun qophii tana gubbaatti erga jaarmayaa ijaarrataniifi waajjira Somaliyaa keessatti banatanii duubatti tattaaffii godhamaa tureefi amna qabsoo keessatti waan isaan mudatate nuun qooddatan. Dhihaadhaa

    SE08 EP138 Turtii Abbaa Anaajinaa Wajjin | 1/5

    Play Episode Listen Later Nov 15, 2024 47:01


    Kurfii tana gubbaatti jalqaba seenaa diddaa gabrummaa warra gaggeessanirraa Abbaa Anaajinaan waan yaadatanifii amna ofii keessa qaxxamuran mara wolitti guduunfuun seenaa nuun qooddatu. Dhihaadhaa!

    Claim ILMAORMAA

    In order to claim this podcast we'll send an email to with a verification link. Simply click the link and you will be able to edit tags, request a refresh, and other features to take control of your podcast page!

    Claim Cancel